
Imala Egeree Dhalootaa!
- Ferenjo Biftu Wako
- Apr 21
- 1 min read
Gadaa dhaloota qubeetti carraafi abdiin paartiin Badhaadhinaa gumaachaa jiru guddaadha.
Bara nu dhalannuufi gadaa abboota keenyaatti, jiruuf jireenya gaammeefi dabballee, taphaaf olloomni, tikaaf barnootni, oolmaan colloomniifi sonoomni ijoollee, kan har'aatii yoo madaalle, baayyee waliin adda.
Dhalatanii osoo dubbii hin xumurin yaadaaf qorqalbii nama guddaa qabaachuun, miilaan dhaabbatanii osoo deemsa hin eegalin teknoolojitti madaqanii bilbilaaf, tv, raadiyoof filmii si'aa'innaan yoo hubatan. sila garam imalaa jirra? nama jechisiisa!
#Sodaakoo........!!
Egereen keenya garam akka ta'ee kophaa koo yoon taajjabu! qonni ammayyaa'ee makkaanayizeeshiinii deeggaramuu irra taree yoo Artifishal intellegence oomishamu!
Gaafa barsiisaan daree dhaabbatee barsiisuun hafee, barataan teknolojii biyyoota alaan fagoo irraa on-line baratee eebbifamu!
Gaafa gabaan bittaa gurgurtaa toora interneetii galee, gatiin On-line dubbatamee meeshaan ejentiin manatti sii ergamu!
Gaafa sharafni qarshii baalaaf saantimaa lafa irraa dhabamee Kiriptoo kaarensiin qilleensarratti sharafamee bittaaf gurgurtaan maallaqa biyyoota ormaaf keessaa walqixa ittiin tajaajilamu!
Gaafa adduunyaan guddoon tun mandara xiqqoo irra dhiyaattee ganaa harkaatti deebitu!
Gaafa teknoolojiin garmalee guddatee waraanniif Weerarri lola rabbii fakkatu!
Gaafa namni kalaqaan dorgomee Roobootii sammuu Artificialaa qixxee sammuu ilma namaa harka miliyoona 100,000 caalu kalaquun addunyaa raajessu.
Garamitti imalaa jirraan egeree dhalootaa yaadeen yaadawee sammuu koo na naannessu!!
Comments